WAAMICHAA FI TAJAAJILA

WAAMICHAA FI TAJAAJILA

Waamichaa fi tajaajila ilaaluun dura mee garaagarummaa tajaajilaaf tajaajilaa haa ilaallu:-

Tajaajilaa:-gargaaraa/gargaartuu jechuu yommuu ta’u;

  • Iyyaasuun muse tajaajilaa ture. Iya.1:1 Museen garbichi Waaqayyoo erga du’ee booddee, Waaqayyo kunoo, Iyaasuu ilma Nun gargaartuu Museetti in dubbate.
  • Luboonni tajaajiltoota iddoo qulqullaa’aa sanaa turan; Bau.28:43 Aaronii fi ilmaan isaa…
  • Abbootiin taayitaa tajaajiltoota waaqayyooti, Rom. 13:4 Isaan kun waan gaarii hojjechiisuudhaaf Waaqayyo biraa siif kennaman. Ati waan hamaa yoo hojjette garuu, isaan sodaadhu! Isaan nama hamaa hojjetu irratti adaba Waaqayyoo raawwachuudhaaf malee, billaa isa ittiin adabuudhaaf itti kenname sana akkasumaan hin baatan.
  • Ergamoonniif duuka buutonni tajaajiltoota waaqayyoo turan; 1Tas.3:2 Amantiittiin isin jabeessuuf cimsees akka isin gorsuuf, nuyi obboleessa keenya wangeela Kiristosiif ergamuuttts hojjetaa Waaqayyoo isa ta’e, Ximotewosin gara keessanitti ergine.
  • Tajaajilaan kristoosiif hojjeta,Rom.15:15-16 Garuu ayyaanni Waaqayyo biraa waan anaaf kennameef, waa’ee waan tokko tokkoo isin yaadachiisuudhaaf caalaa ija jabina an isiniif caafeera. Ani warra saba Waaqayyoo hin ta’iniif hojjetaa Kiristos Yesus ta’ee, wangeela Waaqayyoof akka lubaatti hojjechuudhaaf ayyaana argadheera; akkasittis warri saba Waaqayyoo hin ta’in, hafuura qulqulluudhaan addaan baafamanii, akka aarsaatti Waaqayyo duratti akka fudhatamaniif isaaniif nan hojjedha.
  • Tajaajilaan hojjetaa wangeelaati; Efe.3:7 Akka kennaa ayyaana Waaqayyootti ani wangeela kanaaf hojjetaa ta’eera, kunis gochaa humna isaatii ti.
  • Tajaajilaan hojjetaa kakuu haaraati; 2Qor.3:6 Isumatu seera caafamee, kennameen utuu hin ta’in, hafuura qulqulluudhaan kakuu haaraadhaaf hojjechuu nu dandeessise; seerri caafamee kenname du’a in farada, hafuurichi garuu jireenya in kenna.
  • Tajaajilaan hojjetaa waldaa kristaanaati; Qol.1:25 Akka hojii isiniif hojjechuudhaaf Waaqayyo anatti kennetti, dubbii Waaqayyoo guutummaatti waliin ga’uudhaaf hojjetaa waldaa kiristiyaanaa ta’eera.

Isaan kun hundumtuu tajaajiltoota yommuu ta’an; gooftaan keenya Yesuus tajaajilaaf fakkeenya guddaa nuuf ta’ee jira. Mar.10:42-45

Mar.10:42 Yesus yommus gara isaatti isaan waamee, “Warri saba biyya lafa kanaa abboomuutti beekaman, gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin iyyuu in beektu; gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti argisiisu*. 43 Isin gidduutti garuu akkas hin ta’u; eenyu illee isin keessatti guddaa ta’uu kan barbaadu, hojjetaa keessan ta’uutu isa irra jira. 44 Eenyu illee isin keessaa dura ta’uu kan barbaadu, hundumaaf garbicha ta’uutu isa irra jira*. 45 Ilmi namaa hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi lubbuu isaa furii namoota baay’eetiif kennuuf dhufe maleejedhe.

Tajaajila(Service):Waaqayyoonis namas tajaajiluun mirga Kristaanotaati. Lakk.3:6 Sanyiin Lewwii, Aaron lubicha akka gargaaraniif dhi’eessiitii fuula isaa dura isaan dhaabi!

Mar.10: 44 Eenyu illee isin keessaa dura ta’uu kan barbaadu, hundumaaf garbicha ta’uutu isa irra jira. 45 Ilmi namaa hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi lubbuu isaa furii namoota baay’eetiif kennuuf dhufe malee” jedhe.

Tajaajilli maal?

Tajaajilli galata dhiyeessuu miti, waan gooftaan nuuf hojjeteef galataan gatii baasuu miti, tajaajilli gatii nuuf godhame baasuu osoo hin taane, itti waamamanii gatii itti kennanii kan hojjetaniidha. 1Qor.15:58 Jaallatamoo obboloota ko, egaa utuu hin socho’in jabaadhaatii dhaabadhaa! Itti dadhabuun keessan gooftaa biratti akkasumaan akka hin ta’in beektanii, yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!

Tajaajilli gatii oolmaa Waaqayyoo baasuuf kan tajaajilan utuu hin taane waan fayyanii fi waan itti waamamaniif isa namatti kennameen kan dhimma baasaniidha. HoE.13:2 Isaan kun gooftaadhaaf hojjechaa, soomaas utuu jiranii, hafuurri qulqulluun, “Baarnaabaasii fi Saa’olin hojii ani itti isaan waameef, addaan anaaf baasaa” jedheen.

Efe.4:1 Egaa ani waa’ee hojii gooftaatiif hidhamee kanan jiru, waamicha isa itti waamamtan sanaaf akka ta’utti akka jiraattan isin nan gorsa.

Akeeka tajaajilaa

Akeeki tajaajilaa saba gara kristoositti geessuudha; waaqayyoof saba gidduu dhaabachuu miti jechuun kadhata sabaa fuunee waaqayyotti dabarsinaaf miti jechuudha.

Kakuu moofaa keessatti tajaajiltoota sadiitu ture, isaanis:

  • Luboota
  • Raajotaa fi
  • Mootota yeroo ta’an sabaaf waaqayyoon gidduu dhaabatanii ergaa deddeebisu. Isaayyaas 28:7 Isaan kun iyyuu daadhii waynii quufanii gatantaraniiru, dhugaatiin cimaanis isaan joonjesseera; luboonnii fi raajonni dhugaatii cimaa dhuganii gatantaraniiru, daadhiin wayniis isaan wallaalchiseera; raajonni yommuu mul’ata argan in gatantaru, luboonnis yommuu firdii kennan in dogoggoru.

Erm.2:8 Luboonni, ‘Waaqayyo eessa jira?’ jedhanii illee hin gaafanne; warri seera of harkaa qabanis ana hin beekne; warri tiksoota sabaa ta’an ana irratti in ka’an, raajonnis maqaa Ba’aal Waaqayyo tolfamaatiin raajii in dubbatan, waaqayyolii waa’ee hin baafne duukaas in bu’an.

Tajaajilli kakuu haaraa immoo kanarraa adda, Ibroota 8:6 Yesus hojii lubummaa isa kan isaanii irra fagoo caalu fudhate; hammuma hojiin isaa caalu immoo, kakuun inni Yesus Waaqayyoo fi namoota gidduu dhaabe, inni abdii caalu irra dhaabatu sun guddaa in caala.

Tajaajilaan kan ergaa deddeebisu osoo hin taane kan sabaa fi waaqayyoon wal agarsiisuudha.

Waamichi Tajaajilaa Iddoo Gurguddaa Sadiitti Qoodama;

Isaanis kan ofiin of waamu, kan namaaan waamamu, kan waaqayyo waamu.

  1. Kan ofiin of waamuu

Iddoo kanatti hammam baay’ee ysoo ta’aniyyuu amma kan nuti ilaallu ijoolle qorahiiti ,innis guutummaatti seera lakkoofsaa boqonnaa 16 guutuu yoo ilaalle jireenyaa fi haala waamicha isaanii ni argina ,dhimma waamicha kanaa wajjin kan wal qabatu amala isaanii haa ilaallu:

  1. Aangoo fudhachuuf hin eeggatu ,ofiin aangoo fudhachuu yaala

Lakk.16:1-3 qoraahi ilmi yizhaar akaakayyuun qehaat inni sanyii lewwii, daataanii fi abiiram ilmaan eliiyaabii fi on ilmi phelet sanyiin ruuben, isaanii wajjinis namoota israa’el keessaa namoonni dhibbi lamaa fi shantamni warri waldaa geggeessuudhaaf waldaa keessaa fo’amanii beekamoo turan musee irratti in ka’an.  Isaan kun museedhaa fi aaroniin mormuudhaaf wal ga’anii dhufanii isaaniin, “isin amma dubbii baay’iftaniittu! Waldaan guutummaatti, warri waldicha keessa jiranis hundinuu qullaa’oo dha, waaqayyos isaanii wajjin jira; isin garuu maaliif waldaa waaqayyoo irratti ol of qabdu ree?” jedhan.

  1. Kan waaqayyoon muudame ykn waamame irratti ka’a.

Lakk16:3 isaan kun museedhaa fi aaroniin mormuudhaaf wal ga’anii dhufanii isaaniin, “isin amma dubbii baay’iftaniittu! Waldaan guutummaatti, warri waldicha keessa jiranis hundinuu qullaa’oo dha, waaqayyos isaanii wajjin jira; isin garuu maaliif waldaa waaqayyoo irratti ol of qabdu ree?” jedhan.

  1. Geggessarra kan jiru irratti nama ijaaruun mormii guddisee dhageessisa

Lakk.16:1-3 qoraahi ilmi yizhaar akaakayyuun qehaat inni sanyii lewwii, daataanii fi abiiram ilmaan eliiyaabii fi on ilmi phelet sanyiin ruuben, isaanii wajjinis namoota israa’el keessaa namoonni dhibbi lamaa fi shantamni warri waldaa geggeessuudhaaf waldaa keessaa fo’amanii beekamoo turan musee irratti in ka’an.  Isaan kun museedhaa fi aaroniin mormuudhaaf wal ga’anii dhufanii isaaniin, “isin amma dubbii baay’iftaniittu! Waldaan guutummaatti, warri waldicha keessa jiranis hundinuu qullaa’oo dha, waaqayyos isaanii wajjin jira; isin garuu maaliif waldaa waaqayyoo irratti ol of qabdu ree?” jedhan.

  1. Geggeessitoota hafuuraa ifaan ifatti tuffata

Lakk 16:3 isaan kun museedhaa fi aaroniin mormuudhaaf wal ga’anii dhufanii isaaniin, “isin amma dubbii baay’iftaniittu! Waldaan guutummaatti, warri waldicha keessa jiranis hundinuu qullaa’oo dha, waaqayyos isaanii wajjin jira; isin garuu maaliif waldaa waaqayyoo irratti ol of qabdu ree?” jedhan.

Faarsaa 106:16 namoonni iddoo buufataa sanatti museetti, aaron isa waaqayyoof qulqullaa’ettis in hinaafan

  1. Yeroo hundumaa nama isa geggeessurra jiru irratti himata dhiyeessa

Lakk 16:3 isaan kun museedhaa fi aaroniin mormuudhaaf wal ga’anii dhufanii isaaniin, “isin amma dubbii baay’iftaniittu! Waldaan guutummaatti, warri waldicha keessa jiranis hundinuu qullaa’oo dha, waaqayyos isaanii wajjin jira; isin garuu maaliif waldaa waaqayyoo irratti ol of qabdu ree?” jedhan.

  1. Iddoo waaqayyoo itti isa waameetti yoomiyyuu hin boqotu

Lakk.16:9-10 waaqayyo inni kan israa’el isatti dhi’aattanii godoo isaa keessatti isaaf akka hojjettaniif, waldaa dura dhaabattanii isaaniif akka hojjettaniifis waldaa israa’el keessaa addaan isin baasuun isaa kun isinitti xinnaatee ree?  Inni isinii fi obboloota keessan ilmaan lewwii hundumaa ofitti dhi’eessuun isaa isinitti xinnaatee ree? Yookiis isin isuma irratti iyyuu hojii lubummaa fudhachuu barbaadduu ree?

  1. Haala gargar hin cinneen iddoo ol ka’aa barbaada

Lakk.16:10 inni isinii fi obboloota keessan ilmaan lewwii hundumaa ofitti dhi’eessuun isaa isinitti xinnaatee ree? Yookiis isin isuma irratti iyyuu hojii lubummaa fudhachuu barbaadduu ree?

  1. Sadarkaa mormii fi gungummii isaa itti dabalaa deema

Lakk.16:11 kanaaf atii fi warri hidhata keetii wal geessanii waaqayyo irratti ka’uu keessan malee, aaron kun eenyu iyyuuti irratti guungumtan ree?” jedhe.

Lakk.16:41 borumtaa isaas guutummaan waldaa israa’el musee fi aaron irratti guungumanii, “isin saba waaqayyoo ajjeeftaniittu!” jedhan.

1qor.10:10 isaan keessaa kaan guungumanii, ergamaa isa nama balleessuun akka balleeffaman, isinis hin guunguminaa.

Bau.16:7 nuyi maalii iyyuu nu irratti guungumtu? Waaqayyo utuma isin dhaga’uu isa irratti guungumtaniittu; kanaaf ganama immoo ulfina waaqayyoo in argitu!” jedhan.

  1. Yeroosaatti mul’ati isaa akka galma ga’uuf obsa hin qabu

Lakk. 16:13-14 inni ati biyya aannanii fi damma baasu keessaa nu baaftee as lafa onaa keessatti nu ajjeesuudhaaf nu fidde in xinnaate moo? Ammas nu irratti mo’uu barbaaddaa ree?  Atoo biyya aannanii fi damma baasutti nu hin galchine, maasiidhaa fi iddoo dhaabaa wayniis dhaala gootee nuuf hin kennine; jarri kun waa hin hubatan seeta moo? Lakkii, nuyi hin dhufnu!” jedhan.

Lakk.14:2 waldaan israa’el guutummaatti museedhaa fi aaron irratti guungumanii, “uu! Uu! Nuyi biyya gibxiitti yookiis as lafa onaa kana keessatti utuu dhumneerra ta’ee!

  1. Laphee amantootaa isa gaarii ta’ee fi karoora waaqayyoo karaatti hambisa.

Lakk.16:35 waaqayyo biraa ibiddi dhufee namoota dhibba lamaa fi shantama, warra ixaana aarsan sana in fixe.

  1.  saba waaqayyorratti dha’icha fida lakk.16:41-45

Lakk.16: 41 borumtaa isaas guutummaan waldaa israa’el musee fi aaron irratti guungumanii, “isin saba waaqayyoo ajjeeftaniittu!” jedhan. 42 yeroo waldaan musee fi aaroniin mormuudhaaf wal ga’ee gara dunkaana itti wal ga’aniitti deebi’e immoo kunoo, duumessi dunkaanicha in golboobe, ulfinni waaqayyoos in mul’ate; 43 museenii fi aaron gara fuula dura dunkaana itti wal ga’aniitti gad in ba’an. 44 waaqayyo yommus museedhaan, 45 “ani battalatti akkan isaan fixuuf isin waldaa kana irraa gargar ba’aa!” jedhe; museenii fi aaron adda isaaniitiin lafatti in gombifaman.

  kan biraa kan ofiin of waamee abishaaloom ilma daawwiti argina

2 sam 15: 13yeroo sana namni tokko dhufee, “garaan namoota israa’el abiishaalom duukaa jira” jedhee daawititti in hime. 14 daawit yommus hojjetoota isaa warra gurguddoota isaa wajjin yerusaalem keessa turan hundumaan, “nu keessaa namni tokko iyyuu abiishaalom duraa ba’uu hin danda’u; kottaa, ammuma kaanee in baqanna! Inni ariifatee dhufee akka nu hin qabnetti, wanta hamaa akka nutti hin fidnetti, namoota mandarattii keessa jiraatanis billaadhaan rukutee akka hin fixnetti, dafnee in adeemna” jedhe. 15 yommus hojjetoonni isaa warri gurguddoonni mootichaan, “nuyi garboonni kee waan ati gooftaan keenya mootichi fo’atte hundumaa gochuudhaaf qophaa’oo dha” jedhan. 16 daawit mootichi mana mootummaa akka eeganiif, saajjatoota kudhan manatti dhiisee, maatii isaa guutummaatti fudhatee in ka’e. 17 mootichi ba’ee in adeeme; namoonni isaa wajjin turan hundinuus isa duukaa in ba’an; isaan mana isa gara moggaatti aanu bira ga’anii in dhaabatan. 18 namoonni mootichaa hundinuu, kutanni loltoota mooticha eeganiis fuula isaa dura in darban; isaan kana malees, namoonni dhibbi ja’a, warri mandara gaat keessaa isa duukaa dhufan fuula isaa dura in darban. 19 daawit mootichi yommus iitaayi nama gaatiin, “atoo orma nama biyya keetii baafamtee dha, maaliif nuu wajjin adeemta? Deebi’ii abiishaalom mooticha bira taa’i!

Abishaalom:-

  1. Yeroo hundumaa soba dubbata 2sam 15:7-8

2sam. 15: 7abiishaalom dhuma waggaa afuraffaatti mootichaan, “hadaraa! Gara kebroon dhaqeetan wareegan waaqayyoof wareege of irraa baasa! 8 ani garbichi kee biyya aaram mandara geshuur keessa yommuun tureen, ‘waaqayyo nagaadhaan yerusaalemitti yoo na deebise, ani isaaf nan sagada’ jedhee wareege” jedhe.

  • Walfakkeessuun beekama 2sam 15 .3-5

2sam.15: 3 yommus abiishaalom namichaan, “ilaa, dubbiin kee fudhatamaa dha, qajeelaa dhas; haa ta’u iyyuu malee, namni siif dhaga’u mooticha bira hin jiru” in jedhaan. 4 itti dabalees, “biyyicha irratti abbaa firdii ta’ee utuun jiraadhee, namni dubbii qabu hundinuu firdiidhaaf yommuu ana bira dhufu, ani immoo firdii qajeelaa akka inni argatu nan godhan ture” in jedha. 5 namni gara isaatti dhi’aatee yommuu isaaf qoomma’u, inni immoo hiixatee harkaan ofitti isa qabee in dhungata ture.

  • Garaa sabaa geggeessaa isa geggeessurraa yeroof ni hata

2sam. 15:6 abiishaalom israa’eloota firdii dhugaa argachuudhaaf gara mootichaa dhufan hundumaatti amala akkasii argisiisuudhaan, garaa namoota israa’el gara ofii isaatti in deebise.

  • Kansaa kan hin taanee namoonni akka dubbataniif taasisa(kakaasa).

2sam.15: 12 abiishaalom utuma aarsaa dhi’eessaa jiruu, ahiitofel giloonichatti ergee, giloo mandara isaa keessaa in waamsise; ahiitofel kun gorsaa daawit mootichaa ture; akkasitti daawit irratti korachuun ittuma in jabaate, namoonni abiishaalom duukaa goran immoo baay’achaa in adeeman. 13 yeroo sana namni tokko dhufee, “garaan namoota israa’el abiishaalom duukaa jira” jedhee daawititti in hime.

  • Namoota akkasii kana uumamni ni ganti  2sam. 18: 9 abiishaalomii fi loltoonni daawit utuu hin beekin walitti in ba’an; abiishaalom gaangoo isaa yaabbatee in adeema ture; gaangichi qilxuu guddaa damee gobbuu qabu jala utuu darbuu, mataan abiishaalom mukicha keessatti in qabame; yommus gaangoon inni yaabbatee adeemu darbee in sokke, abiishaalom garuu lafa hankaakee rarra’ee in hafe. 10 loltoota daawit keessaa tokko kana argee, “kunoo, abiishaalom muka qilxuutti rarra’ee utuu jiruu ani argeera” jedhee yo’aabitti in hime. 11 yo’aab immoo namicha dubbii kana isatti himeen, “egaa erga isa argitee, maaliif rukuttee achumatti lafaan isa dha’uu dhiifte? Silaa ani meetii guroo kudhan isa akka graamii dhibbaa fi kudha shanii miijanuu fi sabbata loltuu siif nan kennan ture” jedhe. 12 namichi sun garuu deebisee, “utuu ati meetii guroo kuma tokko isa akka kiilo graamii kudha tokkoo fi walakkaa miijanu harkatti anaaf kennitee iyyuu, ani ilma mootichaatti harka koo hin buusu! Mootichi utuu nuyi dhageenyuu, ‘abiishaalom dargaggeessichi akka hin miidhamneef anaaf eeggadhaa!’ jedhee si, abiishaayii fi iitaayin abboomeera. 13 ani gowwoomee mootichaaf abboomamuu dhiiseera utuun ta’ee, dubbii kana mootichi dhaga’uun isaa hin hafu waan ta’eef, jireenya koo rakkinatti galchuu koo ti; ati immoo kana anatti in dhiifta turte” jedhe. 14 kana irratti yo’aab, “ani kanatti yeroo koo sii wajjin balleessuu hin barbaadu” jedhee, eeboo sadii fudhatee, abiishaalom muka qilxuutti rarra’ee lubbuun isaa utuu keessa jiruu, onnee isaa in waraane. 15 dargaggoonni kudhan warri mi’a waraanaa yo’aabiif baatan, abiishaalomitti marsanii rukutanii isa in ajjeesan. 16 yo’aab lolli akka dhaabatuuf fiinoo in afuufsise; loltoonni isaa kana irratti israa’eloota duukaa bu’anii ari’uu dhiisanii in deebi’an.
  • Namaan kan waamame

 1sam 8:10 yommus saamu’el dubbii waaqayyo isatti dubbate hundumaa namoota mootii akka isaaniif moosisuuf isa gaafatanitti in hime.

Fakkeenya kanaan kan waamaman namoota baay’ee yoo ta’aniyyuu amma kan nuti ilaaluu sa’olidha.

  • Waamichaa waqayyoo hayyameefitti fayyadama

1sam.8:7 waaqayyo yommus saamu’eliin, “jarri kun ana isa isaan irratti mo’e tuffachuu isaanii ti malee, si tuffachuu isaanii miti; ammas waan isaan sitti himatan hundumaa dhaga’iif!

1sam.8:19 jarri garuu dubbii saamu’el dhaga’uu didanii, “hin ta’u! Mootiin akka nuuf moosifamu in barbaanna!

  • Kan kennamee caalaa fudhata

1sam.8: 11 itti fufees, “mootichi isin irratti mo’uuf jiru, ilmaan keessan fudhatee, loltoota konkolaataadhaa fi fardaan lolaniif konkolaataa isaa dura kan kaatan isaan in godhata. 12 isaan keessaa gara kaan immoo angafa kumaa, angafa shantamaa, maasii isaa kan qotanii fi midhaan kan makaraniif, mi’a lolaa fi mi’a konkolaataa kan tolchaniif isaan in godhata. 13 durboota keessan fudhatee, urgooftuu dibataa, ittoodhaa fi buddeena in tolchisiifata. 14 maasii keessan, dhaabaa waynii keessan dhaabaa ejersaa keessan isa caalu fudhatee hojjetoota isaatiif in kenna. 15 sanyii midhaan keessanii keessaa, waynii keessan keessaas kudhan keessaa tokko fudhatee, hojjetoota isaa warra gurguddootaa fi warra isaaf ergamaniifis in kenna. 16 dargaggoota keessan keessaa warra caalan, hojjetoota keessan warra dhiiraa fi warra dubartii, harroota keessanis fudhatee, hojii ofii isaatii in hojjechiifata. 17 bushaayee keessan keessaa kudhan keessaa tokko in fudhata; isinuma iyyuu hojjetoota isaa isin in godhata.

  • Tajaajila kennurra bu’aa ofiisaatitti xiyyeffata  

Mat.26:9 urgooftuun kun horii baay’eetti gurguramee, warra hiyyeessotaaf kennamuu in danda’a ture” jedhan. 10 yesus garuu kana caqasee, “dubartii kana maaliif rakkiftu? Isheen waan gaarii anaaf goote. 11 warra hiyyeessota yeroo hundumaa of biratti argattu, ana garuu yeroo hundumaa of biratti hin argattan*. 12 isheen urgooftuu kana dhagna koo irratti naquudhaan awwaalaaf na qopheessuudhaaf kana goote. 13 ani dhuguman isiniin jedha’, guutummaa biyya lafaatti, idoodhuma wangeelli itti lallabamettti wanti isheen goote immoo seenaa isheetiif in dubbatama”isaaniin jedhe

  • Walii galteen waamicha isaas afuuraan utuu hin taanee fooniin

1sam. 9:2 qiish ilma bareedaa “saa’ol” jedhamu tokko qaba ture; namoota israa’el keessa namni isa caalaa bareedu hin turre; inni gatiittii isaatii olitti nama hundumaa caalaa dheeratee in mul’ata ture.

  • Hir’ina jabina keessa fi humna waaqayyoo waan hin qabneef humna alaatti fayyadama

1sam. 10:11 warri duraan isa beekan raajota gidduu bu’ee raajii dubbachuu isaa yeroo arganitti walii isaaniitiin, “ilma qiishitti maaltu dhufe? Saa’olis immoo raajota keessaa tokkoo?” jedhan.

  • Waaqayyoon kan waamame ykn kan muudame

Ergamoonni ,raajonni ,lallaboonni wangeelaa,tiksoonni ,barsiisoonni waamichi isaanii waaqayyo bira akka ta’e hubachuun barbachisaadha .kennaawwan hafuuraa dhimmaa barbaadaa akkuma jedhamee ,isaan kanaa garuu dhimmanii barbaaduun bira hin ga’aamu ,kun waaqayyoo waldaa kristiyaanatiif kenna waan ta’eef .

Waaqayyo kennawwan kan biiroon qoodee yeroo kennuu irra deddebi’uun kan inni fayyadamee waamu haa ilaallu.

3.1. Maqaan waamee baasa:-macaafa qulqulluu keessatti yeroo baay’ee waaqayyoo kanatti fayyadameera.

Marq 1: 20 inni achumaan isaan waame; isaanis abbaa isaanii zabdewosin hojjetootaa wajjin bidiruu keessatti dhiisanii, yesus duukaa bu’an.

1qor 1:1 ani phaawulos fedha waaqay yootiin ergamaa kiristos yesus ta’uudhaaf kanan waamame, sostenees obboleessaa wajjin.

1sam 3:4 waaqayyo yommus saamu’elin in waame; saamu’elis, “kunoo, asan jira” jedhe.

Ba’u 3:4 waaqayyo gooftaan immoo museen kana ilaaluudhaaf akka itti gore argee, huuxxicha qoraattii keessaa, “musee! Musee!” jedhee waame; museen immoo, “kunoo asan jira” jedhe.

  • Adda baasuun “waanta tokkoof adda baasuu”

Hoe. 13:2 isaan kun gooftaadhaaf hojjechaa, soomaas utuu jiranii, hafuurri qulqulluun, “baarnaabaasii fi saa’olin hojii ani itti isaan waameef, addaan anaaf baasaa” jedheen.

Gal 1:15 waaqayyo garaa haadha kootii jalqabee na fo’achuutti ayyaana isaatiinis na waamuutti gammade.

  • Dibuun “to’achuun”waan adda ta’e tokkoof dibanii baasuu

Hoe. 6:3-4 yaa obbolootaa, namoota hojii kana itti kenninu torba, warra maqaa gaarii qaban, warra hafuurri qulqulluunii fi ogummaan keessa guute, of keessaa barbaadaa! Nuyi garuu kadhataa fi lallaba dubbii waaqayyoof ergamuutti in qabamna” jedhahii yaadachiisan.

Lakk.27:16 “yaa waaqayyo gooftaa hafuura nama hundumaa, ati waldichaaf nama tokko kaasi!

Lakk.27:19 ele’azaar lubichaa fi guutummaa waldaa dura akka dhaabatu godhi, hojii inni itti gaafatamu kanas ija isaanii duratti itti kenni!

Lakk.27:22 museen akkuma waaqayyo isa abboome in godhe; iyaasuus geessee ele’azaar lubichaa fi guutummaa waldaa sanaa dura in dhaabe.

Lakk.3:10 aaronii fi ilmaan isaa luboota ta’anii akka hojjetaniif ati hojii irra isaan dhaabi! Namni kan biraa iddoo qulqullaa’aatti yoo dhi’aate garuu haa ajjeefamu!” jedhe.

1sen 15: 17 warri lewwootaas hemaan ilma yo’el, aantii isaa keessaa immoo asaaf ilma berekiiyaa, aantii isaanii meraarota keessaa etaan ilma qushaayaa in fo’an. 18 itti aantota isaanii immoo obboloota isaanii keessaa in fo’an; warri fo’amanis, zakaariyaas, ya’aasi’el, shemiiraamoot, yehii’el, unii, eliiyaab, benaayaa, ma’aseyaa, matiitiyaa, eliifelehuu, miiqneyaa akkasumas obed-edoomii fi yeyi’el warra karra eeganii dha. 19 warra mi’aan faarfatan keessaa hemaan, asaafii fi etaan sibiila walitti rukutamee sagalee ol kaasu in dhageessisu turan.

  • Ergamuun ykn ergamaa

Yoh 1:6 namni waaqayyo biraa ergame tokko ture, maqaan isaas yohannis jedhama

Yoh 4:34 yesus immoo, “nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha.

Uum 45:7 waaqayyo hambaa lafa irratti isiniif qusachuudhaaf, warra baay’atanii hoofkalanis fayyaatti isiniif jiraachisuudhaaf, isin dura na erge.

Ba’u 3: 12 waaqayyo immoo museedhaan, “ani sii wajjin nan ta’a; ati saba sana biyya gibxiitii yommuu baaftu, tulluu kana irratti waaqayyoof sagaduuf jirtu; si erguu kootiifis kun milikkita siif in ta’a” jedhe. 13 museen yommus waaqayyoon, “ani saba israa’el bira dhaqee, ‘waaqayyo isa kan abboota keessaniitu isinitti ana erge’ yommuun isaaniin jedhu, isaan immoo ‘maqaan isaa eenyu?’ jedhanii na gaafatu; ani immoo maal isaaniin jedhu ree?” jedhe. 14 waaqayyo deebisee museedhaan, “ani ‘isa jiraataa dha,’ ati immoo saba israa’eliin, ‘inni jiraataan isinitti na ergeera’ in jetta. 15 bara hundumaa maqaan koo isa kana, dhaloota hundumaa keessattis kanumaan nan yaadatama” jedhe; waaqayyo ammas museedhaan, “saba israa’eliin, ‘waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii, waaqayyo inni kan abrahaam, waaqayyo inni kan yisihaq, waaqayyo inni kan yaaqoobis isinitti na ergeera’ jedhi!” 16 akkasumas dhaqii, maanguddoota israa’el walitti qabi, isaaniin, “waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii, waaqayyo inni kan abrahaam, inni kan yisihaq, inni kan yaaqoobis anatti mul’ate; anatti dubbatee, ‘ani wanta biyya gibxiitti isin irratti hojjetame ilaalee argeera; 17 ani gad qabamuu biyya gibxiitti isin irra ga’e keessaa isin baasee, gara biyya aannanii fi damma baasutti, biyya kana’aanotaa, heetotaa, amoorotaa, pheriizotaa, hiiwotaa, yibusootaattis ol isin baasuudhaaf murtoo godheera naan jedhe’ jedhii isaanitti himi! 18 maanguddoonni israa’el dubbii kee in dhaga’u; isinis immoo walii wajjin mootii gibxii bira dhaqxanii mootichaan, ‘waaqayyo gooftaan warra ibrootaa nutti mul’ateera, egaa karaa guyyaa sadii lafa onaa keessa adeemnee, waaqayyo keenya gooftichaaf aarsaa in dhi’eessina!’ in jettu.

Waamichi waaqayyoo akkamitti gara namaa dhufa?

Gaafa fayyinee jalqabnee gara tajaajila amantootaatti waamamneerra. Gara waamicha biiroo shananiitti garuu namoota murasatu waamama, haata’u malee miseensi waldaan kristiyaanaa kamiyyuu gara tajajila hafuuraa gara garaatti waamamaniiru. Haa ta’uu malee gara waamicha tajaajila biirota shananiis haa ta’uu gara waamicha tajaajila hafuuraa amaantoonni itti waamaman yeroo qorannu dhiirris ta’e dubartiinis irraa barachuu dandeenya.

                 waaqayyoo yeroo namoota waamu haala garaa garaan waama

  • Waaqyyoo abrahaamiin sagalee isaatiin waame.  

Uum 12:1-15 waaqayyo gaaf tokko abraamiin, “biyya kee keessaa, lammii kee keessaa, maatii abbaa kee keessaas ba’iitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi…

  • Waaqayyoo haaroniin karaa muse itti dubbatee waame

Ba’u 4:10-16 … ati isatti in dubbatta, dubbicha afaan isaa keessa in keessa; ani immoo akka ati dubbattuuf, akka inni dubbatuufis nan gargaara; wanta hojjettanis ani isin nan barsiisa…

  • Waaqayyoo yoseefiin karaa abjuu waame

Uum 37:1-10 … 8 obboloonni isaas deebisanii,” ati dhuguma mootii nu irratti taataa? Yookiis dhuguma aboo nu irratti qabaattaa?” jedhaniin; akkasitti waa’ee abjuu isaatiif, waa’ee dubbii isaatiifis ittuma caalchisanii isa in jibban. 9 ammas abjuu tokko abju’atee obboloota isaatti himee, “kunoo, ani abjuu kan biraa tokkos abju’adhe, biiftuun, ji’i, urjoonni kudha tokkos anaaf utuu gugguufanii argeera” jedhe. 10 yeroo inni abbaa isaa fi obboloota isaatti himetti garuu, abbaan isaa isa ifatee, “abjuun ati abju’atte kun maali? Dhuguma anii fi haati kee obboloonni kees dhufuee hamma lafa geenyutti siif gugguufuuf jirra moo?” jedhe…

  • Waaqayyoo musee ibiddaa qoraatti huuxii keesaa boba’uun itti dubbatee waame

 ba’u 3:1-6 … 3 yommus museen, “wanta guddaa mul’atu kana itti goree nan ilaala; huuxxiin qoraattii kun maaliif hin gubanne laata?” jedhe. 4 waaqayyo gooftaan immoo museen kana ilaaluudhaaf akka itti gore argee, huuxxicha qoraattii keessaa, “musee! Musee!” jedhee waame; museen immoo, “kunoo asan jira” jedhe. 5 ammas waaqayyo, “as hin dhi’aatin! Iddoon ati irra dhaabattee jirtu lafa qulqullaa’aa waan ta’eef, kophee miilla keetii baafadhu!” jedhe. 6 itti fufees, “ani waaqayyo isa kan abboota keetii ti, waaqayyo isa kan abrahaam, waaqayyo isa kan yisihaq, waaqayyo isa kan yaaqoobis” ittiin jedhe; kana irraa kan ka’e museen gara waaqayyoo ilaaluu sodaatee fuula isaa in dhokfate.

  • Waaqayyoo iyyaasuu karaa musee waame

Ba’u 17:9-11 museen yommus iyaasuudhaan, “namoota fo’adhuutii dhaqii warra amaaleq loli! Anis bor ulee waaqayyoo qabadhee gaara gubbaa nan dhaabadha” jedhe…

  • Waaqayyoo saamu’eeliin sagalee dhaga’amuun waame

1sam 3:1-10 … waaqayyo yommus saamu’elin in waame; saamu’elis, “kunoo, asan jira” jedhe. 5 gara eliitti fiigee, “kunoo, asan jira, maal jette?” jedhe; eliin garuu, “ani si hin waamne, deebi’ii ciisi!” jedheen; innis deebi’ee in ciise. 6 ammas waaqayyo saamu’elin in waame; innis ka’ee gara elii dhaqee, “kunoo, asan jira, maal jette?” jedheen; eliin garuu, “yaa ilma ko, ani si hin waamne, deebi’ii ciisi!” jedheen…

  • Waaqayyoo daawwitiin karaa samu’eel itti dubbatee waame

1sam 16:11-14 …waaqayyo yommus saamu’eliin, “inni kunoo, isa kanaatii ka’ii, isa dibi!” jedhe…

  • Waaqyyoo solomooniin karaa abbaasa daawwiti fi abjuun itti dubbatee waame 2sen 1:1-12

2sen.1: 1 solomoon ilmi daawit mootummaa isaa in jabeeffate; waaqayyo gooftaan isaa inni isaa wajjin ture, nama guddaa beekamaa isa in godhe. 2 yommus solomoon namoota israa’el hundumaatti, angafoota kumaatti, angafoota dhibbaatti, abboota firdiitti, gurguddoota israa’el hundumaatti, mana mana abboota isaaniitti dura-buutota kan ta’anittis in dubbate. 3 kana booddees guutummaa walga’ichaa wajjin gara iddoo sagadaa isa ol ka’aa, isa gaara giibe’on irratti argamuu, lafa dunkaanni itti wal ga’an inni museen garbichi waaqayyoo lafa onaa keessatti tolche jiru in dhaqe. 4 haa ta’u iyyuu malee, daawit sanduuqa kakuu waaqayyoo isa kiriiyat-ya’ariim ture fidee, dunkaana isa yerusaalem keessa isaaf dhaabe keessa kaa’ee ture. 5 iddoon aarsaa inni bazaali’el ilmi urii akaakayyuun huur sibiila boorrajjii irraa hojjetee dunkaana isa ulfinni waaqayyoo keessatti mul’atu dura dhaabee ture garuu achumatti hafe; kanaaf solomoon walga’ichaa wajjin waaqayyoof sagaduudhaaf achi dhaqe. 6 yommus solomoon iddoo aarsaa sibiila boorrajjii irraa hojjetamee, fuula waaqayyoo dura dunkaana itti wal ga’an keessa kaa’ame sanatti ol ba’ee, achi irratti horii kuma tokko guutummaatti qalma gubamu in dhi’eesse. 7 halkan gaafasii waaqayyo solomoonitti mul’atee, ”wanta feetu na kadhadhu! Ani immoo siif nan kenna” jedheen. 8 solomoon immoo deebisee waaqayyoon, ”ati daawit abbaa kootti gaarummaa guddaa argisiifteetta, ani immoo iddoo isaa bu’ee mootii akkan ta’u gooteetta. 9 egaa yaa waaqayyo gooftaa! Ati saba akka biyyoo lafaa baay’atu irratti ana moosifteetta’o, isa daawit abbaa koo abdachiifte raawwadhu! 10 ogummaa fi beekumsa ani ittiin saba kana bulchu anaaf kenni; kana malee ani attamittan saba kee isa guddaa kana geggeessuu danda’a ree?” jedhe. 11 waaqayyo yommus solomooniif deebisee, ”ati badhaadhummaa, qabeenya guddaa, ulfina, diinonni kee akka dhuman, ofii keetii immoo bara dheeraa akka jiraattu hin kadhanne; qooda kanaa saba koo isa ani irratti si moosise bulchuu akka dandeessuuf ogummaa fi beekumsa waan kadhatteef, 12 ani ogummaa fi beekumsa siif nan kenna; kana malees badhaadhummaa fi qabeenya guddaa, ulfinas siif nan kenna; sanyii isa kanaa mootota si dura turan keessaa tokko illee hin arganne, mootota si booddee mo’an keessaas tokko illee kana argachuu kan danda’u hin jiru” jedhe.

  • Raajonni baay’een kan akka ermiyaas ,isqi’eel immoo sagalee keessa sanitti daga’aniin waamaman

Isqeel 1:1 waggaa soddommaffaatti, ji’a afuraffaatti, ji’icha keessaa guyyaa shanaffaatti, laga kebaar bukkee warra booji’aman gidduu utuun jiruu, bantiin waaqaa banamee, ani hisqi’el mul’ata waaqayyoo nan arge.

 isqeel 1:3 dubbiin waaqayyoo laga kebaar bukkeetti biyya baabilonitti gara koo gara hisqi’el lubichaa ilma buzii in dhufe; achittis harki waaqayyoo ana irra ture.

Erm 1:1-10

Raajii ermiyaas 1:1 dubbiin ermiyaas ilmi hilqiiyaa dubbate kana keessatti caafamee jira; abbaan isaa luboota warra kutaa biyya beniyaamin keessaa mandara anaatot keessa jiran keessaa tokko ture; 2 yosiyaas ilmi amoon mootii yihudaa ta’ee, waggaa kudha sadaffaa isaatti dubbiin waaqayyoo gara ermiyaas in dhufe. 3 bara mootummaa yehoyaaqiim ilma yosiyaas mootii yihudaatti, hamma waggaa kudha tokkoffaa mootummaa zedeqiiyaa ilma yosiyaasitti, waggichattiis hamma ji’a shanaffaa isa sabni yerusaalem itti booji’ameetti isatti in dubbate. 4 dubbiin waaqayyoo gara koo dhufee, 5. “garaa haadhakee keessatti utuun si hin tolchinan si fo’adhe; utuu ati hin dhalatin addaan si baaseen, sabaaf raajii akka taatuuf si kaase” jedhe. 6 ani immoo yommus, ”maaloo yaa waaqayyo gooftaa, kunoo, ani mucaa waanan ta’eef attamitti akka dubbatan hin beeku” nan jedhe. 7 waaqayyo ammas anatti dubbatee, ”gara ani itti si ergu hundumaa dhaqi, wanta ani si abboomu hundumaas godhi malee, ‘ani mucaa dha’ hin jedhin! 8 ani si oolchuudhaaf sii wajjinan jira’o ati isaan duratti hin sodaatin!” jedhe; waaqayyo kana dubbateera. 9 ergasii waaqayyo hiixatee harka isaa afaan kootti buusee, ”kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa nan kaa’a; 10 ilaa, akka ati buqqiftuuf, akka diigduuf, akka balleessituuf, akka garagalchituuf akka ijaartuuf, akka dhaabduufis ani har’a saba irratti, mootummoota irrattis aboo siif kenneera” naan jedhe.

  • Ergamoonni 12’n sagalee yesuusiin waamamaniiru mat 4:18-25

Mat.4:18 yesus ciisa bishaan galiilaa bukkee utuu deddeebi’uu obbolaa lamaan, simoon isa phexros jedhamuu fi indriiyaas obboleessa isaa kiyyoo isaanii bishaanitti darbachuutti jiru iyyuu arge; isaan qurxummi-qabduu turan. 19 yesusis, “na duukaa bu’aa! Anis nama kan walitti qabdan isin nan godhadha!” isaaniin jedhe, 20 achumaan isaan kiyyoota isaanii achitti dhiisanii isa duukaa bu’an. 21 inni achii adeemee obbolaa kan biraa lama, yaaqoobii fi yohannisin ilmaan zabdewos, abbaa isaanii zabdewosii wajjin bidiruu isaanii keessatti kiyyoota isaanii utuu tottolfatanii argee, isaan in waame. 22 achumaanis bidiruu isaanii, abbaa isaaniis dhiisanii isa duukaa in bu’an.

  • Waaqayyoo phawuloosiin akkaataa addaan itti mul’atee waame hoe. 9:1-9

Hoe.9: 1 saa’ol amma illee bartoota gooftaa doorsisuudhaaf ajjeesuutti banbanaa gara angafa lubootaa dhaqee*, 2 warra daandii wangeelaa irra adeeman yoo arge, dhiirotas ta’u dubartootas ta’u hidhee gara yerusaalemitti fiduudhaaf barbaade. Kanaafis ajaja manneen sagadaa damaasqootti akka isaaf caafuuf, angafa lubootaa gaafate*. 3 utuu adeemuus damaasqootti dhi’aate, kunoo, dingata ifni waaqa irraa naannoo isaatti balaqqeessa’e*. 4 lafa dha’ees sagalee, “saa’ol, saa’ol, maaliif na ari’atta?” jedhuun dhaga’e. 5 inni immoo, “eenyuati yaa gooftaa?” jedhe. Sagalichis deebisee, “ana, yesus, kan ati ari’attu;  6 garuu, ka’ii, gara mandaraatti lixi! Waan gochuun siif ta’us sitti in himama” jedheen. 7 namoonni warri isaa wajjin adeemaa turan, calluma jedhanii dhaabatan malee, waa dubbachuu hin dandeenye; isa dubbatus sagalee isaa dhaga’uu irraa kan hafe, nama tokko illee hin argine. 8 saa’ol lafaa ka’ee ija isaa yommuu bane, waari tokko illee arguu hin dandeenye; kanaafis harka isaa qabanii damaasqootti galchan. 9 hamma guyyaa sadiittis waa arguu hin dandeenye; yeroo sanatti homaa hin nyaanne, hin dhugnes.

  • Waaqayyoo ximitiwoosiin karaa maatisaa fi barsiisa phaawuloosiin waame 1xim 1:1-2,18,2xim 1:2,5:9,2:1

1xim.1: 1 ani phaawulos, abboommii waaqayyo fayyisaa keenyaa fi kiristos yesus abdii keenyaan ergamaa kiristos yesus kanan ta’e*, 2 gara ximotewos isa dhuguma amantiidhaan ilma koo ta’eetti caafuu koo ti. Waaqayyo abbaan, kiristos yesus gooftaan keenyas ayyaana, araara, nagaas siif haa kennu.

1xim.1:18 ximotewos, ilma ko! Akka dubbii raajii waa’ee keetiif dubbatame sanaatti, gaarii gootee akka loltuuf abboommii kana hadaraa sitti nan kenna.

2xim.1:2 haa ga’u gara ximotewos ilma koo isa jaallatamaa! Waaqayyo abbaan, kiristos yesus gooftaan keenyas ayyaana, araara, nagaas siif haa kennu!

2xim.2:1 ati immoo ilma ko! Ayyaana isa kiristos yesus nuuf kennutti jabaadhu.

 wal’aansoo waamicha dhaga’anii ajajamuu keessa jiru

Yeroo tokko tokko namoonni waamicha waaqayyo dhaga’anii fudhachuun itti ulfaata, isaan kana keessaa mee geedi’ooniin haa ilaallu.

  • Wal’aansoonni waamicha sanaa wajjin godhe abo.6:13

Abo.6:13 giidewon immoo deebiseefii, “yaa gooftaa ko! Waaqayyo nuu wajjin utuu jiraatee, maaliif wanti kun hundinuu nutti dhufa ree? Hojiin isaa inni dinqisiisaan inni abboonni keenya, ‘waaqayyotu ittiin biyya gibxii nu baas’ jedhanii nutti himaa turan meerre ree? Amma garuu waaqayyo nu gatee harka warra miidiyaanitti dabarsee nu kenne” jedheen.

  • Yaada lama kan isa taasiise milikkita cimaa barbaaduun 6:13

Abo.6:13 giidewon immoo deebiseefii, “yaa gooftaa ko! Waaqayyo nuu wajjin utuu jiraatee, maaliif wanti kun hundinuu nutti dhufa ree? Hojiin isaa inni dinqisiisaan inni abboonni keenya, ‘waaqayyotu ittiin biyya gibxii nu baas’ jedhanii nutti himaa turan meerre ree? Amma garuu waaqayyo nu gatee harka warra miidiyaanitti dabarsee nu kenne” jedheen.

  • Yaada lama kan isa taasisee abdii kutachuu isaa irra kan ka’eedha 6:13-14

Abo.6:13 giidewon immoo deebiseefii, “yaa gooftaa ko! Waaqayyo nuu wajjin utuu jiraatee, maaliif wanti kun hundinuu nutti dhufa ree? Hojiin isaa inni dinqisiisaan inni abboonni keenya, ‘waaqayyotu ittiin biyya gibxii nu baas’ jedhanii nutti himaa turan meerre ree? Amma garuu waaqayyo nu gatee harka warra miidiyaanitti dabarsee nu kenne” jedheen. 14 waaqayyos giidewonitti dhi’aatee, “ati humna qabdu. Kanaan dhaqi! Israa’elin harka warra miidiyaan jalaa akka baaftuuf ani si ergeera” jedhe.

  • Waamichicha kana  fudhachuu kaniin dadhabee gad aantummaan waan itti dhaga’ameefiidha 6:15

Abo.6:15 giidewon immoo, “yaa gooftaa ko, attamittan israa’elin oolcha ree? Qomoon koo sanyii minaasee keessaa qomoo xinnoodha, ani mana abbaa kootiittis quxisuu dha” jedheen

  • Waamichaa kana  akkanni hin fudhannee kan isa taasisee duugda duuba maatisaa waan ilaaleefidha 6:15

Abo.6:15 giidewon immoo, “yaa gooftaa ko, attamittan israa’elin oolcha ree? Qomoon koo sanyii minaasee keessaa qomoo xinnoodha, ani mana abbaa kootiittis quxisuu dha” jedheen

  • Waamicha kana akkanni hin fudhaan kan isa taasiisesaba umurisaati  6:15-16

Abo.6:15 giidewon immoo, “yaa gooftaa ko, attamittan israa’elin oolcha ree? Qomoon koo sanyii minaasee keessaa qomoo xinnoodha, ani mana abbaa kootiittis quxisuu dha” jedheen*. 16 kana irratti, waaqayyo deebiseefii ani sii wajjin waanan jiruuf, akka nama nama tokko rukutuutti warra miidiyaan in rukutta” jedheen.

Ammammoo kan ilaaluu jechoota ermiyaas dubbate

  • Ermiyaas jechootaa fi dubbii dadhabuusaa sababa dhiyeesse erm 1:6-9

Erm.1: 6 ani immoo yommus, ”maaloo yaa waaqayyo gooftaa, kunoo, ani mucaa waanan ta’eef attamitti akka dubbatan hin beeku” nan jedhe. 7 waaqayyo ammas anatti dubbatee, ”gara ani itti si ergu hundumaa dhaqi, wanta ani si abboomu hundumaas godhi malee, ‘ani mucaa dha’ hin jedhin! 8 ani si oolchuudhaaf sii wajjinan jira’o ati isaan duratti hin sodaatin!” jedhe; waaqayyo kana dubbateera. 9 ergasii waaqayyo hiixatee harka isaa afaan kootti buusee, ”kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa nan kaa’a;

  • Umurii akka sababaatti dhiyeesse 1:6

Erm.1: 6 ani immoo yommus, ”maaloo yaa waaqayyo gooftaa, kunoo, ani mucaa waanan ta’eef attamitti akka dubbatan hin beeku” nan jedhe.

  • Soda fudhatama dhabuu akka sababaatti dhiyeesse 1:8-9

Erm.1:8 ani si oolchuudhaaf sii wajjinan jira’o ati isaan duratti hin sodaatin!” jedhe; waaqayyo kana dubbateera. 9 ergasii waaqayyo hiixatee harka isaa afaan kootti buusee, ”kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa nan kaa’a;

          Museen Kan Inni Dhiyeesse:-

  • Sodaa ga’umsa dhabuu ba’u 3:11

Bau.3:11 museen immoo waaqayyoon, “gara mootii gibxii dhaqee, saba israa’el biyya gibxiitii kanan baasu ani eenyu?” jedhe

  • Sodaa fudhatama dhabuu 3:13-16

Bau.3: 13 museen yommus waaqayyoon, “ani saba israa’el bira dhaqee, ‘waaqayyo isa kan abboota keessaniitu isinitti ana erge’ yommuun isaaniin jedhu, isaan immoo ‘maqaan isaa eenyu?’ jedhanii na gaafatu; ani immoo maal isaaniin jedhu ree?” jedhe. 14 waaqayyo deebisee museedhaan, “ani ‘isa jiraataa dha,’ ati immoo saba israa’eliin, ‘inni jiraataan isinitti na ergeera’ in jetta. 15 bara hundumaa maqaan koo isa kana, dhaloota hundumaa keessattis kanumaan nan yaadatama” jedhe; waaqayyo ammas museedhaan, “saba israa’eliin, ‘waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii, waaqayyo inni kan abrahaam, waaqayyo inni kan yisihaq, waaqayyo inni kan yaaqoobis isinitti na ergeera’ jedhi!” 16 akkasumas dhaqii, maanguddoota israa’el walitti qabi, isaaniin, “waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii, waaqayyo inni kan abrahaam, inni kan yisihaq, inni kan yaaqoobis anatti mul’ate; anatti dubbatee, ‘ani wanta biyya gibxiitti isin irratti hojjetame ilaalee argeera;

  • Amantii dhabuun waaqayyoon baay’ee falme 4:1-5

Bau.4: 1 yommus museen deebisee, “kunoo sabni israa’el, ‘waaqayyo sitti hin mul’anne’ naan jedhanii, ana hin amanan, dubbii koos hin dhaga’an ta’a” jedhe. 2 kana irratti waaqayyo, “maal inni harka kee keessaa?” jedheen; inni immoo, “ulee dha” jedhe. 3 sgooftaan immoo, “ulicha lafa buusi!” jedheen; innis lafa buufnaan, ulichi bofa ta’e; museenis irraa in baqate. 4 waaqayyo garuu museedhaan, “harka kee hiixadhuu eegee isaa qabi!” jedhe; museenis hiixatee qabe; inni yommus harka isaa keessatti deebi’ee ulee ta’e. 5 egaa, “kanaan ani waaqayyo gooftaan inni kan abboota isaanii, waaqayyo inni kan abrahaam, waaqayyo inni kan yisihaq, waaqayyo inni kan yaaqoob akka sitti mul’ate in amanu” jedhe.

  • Dubbachuu dadhabuu isaatiin falmii dhiyeesse 4:10

Bau.4: 10 museen garuu waaqayyoon, “yaa gooftaa ko, ani duris nama arraba qajeeluu miti, erga ati ana garbicha keetti dubbattee jalqabes ani nama akkasii hin taane; ani afaan koo hidhamaa dha, arrabni koos anatti in ulfaata” jedhe.

  • Miira gad-aantummaatu itti dhaga’ame 4:13

Bau.4:13 inni garuu, “yaa gooftaa ko, hadaraa nama biraa utuu ergitee in wayya” jedhe.

  • Abdii kutaachuudhaan waaqayyoon falmisiise 5:21-23

Bau.5: 21 museedhaa fi aaroniin immoo, “fooliin keenya mootichaa fi hojjetoota isaa biratti akka xiraa’u gootanii, billaa isaan ittiin nu ajjeesanis harka isaaniitti akka kennitanitti waan lakkaa’amuuf, waaqayyo isinitti haa ilaalu! Isinitti haa faradus!” jedhan. 22 museen immoo deebi’ee waaqayyoon, “yaa gooftaa, maaliif saba kanatti wanta hamaa fidde? Egaa maaliif ana ergite ree? 23 erga ani mooticha bira dhufee maqaa keetiin isatti dubbachuu jalqabee, inni wanta hamaa saba kana irraan ga’eera, ati immoo saba kee kana oolchuudhaaf waan tokko illee hin goone” jedhe.

  Akkaataa Jireenya Ayyaanaa

  1. Akkaataa jireenya ayyaanaa:
  2. 2qor 5:17 kanaafis namni kan kristos yoo ta’e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo, inni haaraan dhufeera.

Gal.6:15 uumama haaraa ta ‘uutu lakkaa’ama malee, dhagna qabachuun yookiis dhagna utuu bin qabatin hafuun waan tokkotti hin lakkaa’amu.

Rom.6:4 nuyi cuuphamuudhaan du’a isaatti isatti dabalamnee isaa wajjin awwaalamneerra; kiristos humna abbaa isa ulfina-qabeessaan warra du’an keessaa akkuma kaafame, nus immoo jireenya haaraatti in jiraanna.                                                                                                                                                                     

  • Qol .2:11  isinis immoo isumaan dhagna qabamtaniittu; dhagna qabaan keessan garuu isa harkaan hojjetame utuu hin ta’in, isa kiristos dhagna qabuu isaatiin namummaa foonii guutummaa isaa balleessee dha.hiikaan isaa gara guutummaa kanaatti galuudhaaf,ati gochuu ykn yaaduu utuu hin taane dhaqna qabachuu ykn immoo hojii seeraa keesa galuu utuu hin taane ati amma akkasumattiin galteetta. Keessakee kan jiru dhoksaa seeraa sana raawwachuun utuu hin taane qooda kanaa kiristoos kan inni siif jedhee raawwate humna cubbuu sana balleesseedha.
  • Efe 2:8-9:-isin ayyaana waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan inni immoo kennaa waaqayyooti malee gochaa ofii keessanii miti, hojiinis miti namni tokko illee akka ittiin of hin jajnetti.
  • 2phex 1:3 nuyi waaqayyo isa ulfina isaaf humna isaa isa dinqisiisaadhaan nu waame beekuu bira gahuudhaan wanta nu barbaachisu hundumaa arganneerra. Gooftaan humna waaqummaa isaatiin gara jireenyaatti nu geessuuf namoota waaqayyoo nu godhachuuf kana hundumaa nuuf kenneera.
  • 1qor 15:10 amma garuu ayyaana waaqayyootiin ani ergamaa ta’eera. Ayyanni inni anaaf kennes utuu dhimma hin basin hin hafne.ani hunduma isaanii caalaa itti dadhabee hojjedheera. Ana utuu hin ta’in ayyaana waaqayyoo isa anaa wajjin jirutu itti dadhabe.
  • Tito 2:11-12 waaqayyo ayyana isaa nama hundumaaf fayyina kennu mulliseera. Ayyaanni waaqayyoo kunis nuyi waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaa gatnee bara kana keessa of qabuutti ,qajeelinatti namoota waaqayyoo taanee akka jiraannuuf gorse gara gaariitti nu deebisa.
  • Akka kiristiyaanaatti iddoon siif kenname 100% dha; kan fayyine 100% qulqulluudha.

Kana irraa ka’uudhaan haala jireenya jiruuf jireenya,guddina kiristiyaanaa dubbachuu dandeenya.

Mucaan tokko 100% gara bilchinaatti guddataa adeema mucaan kun keessa isaatti uumama abbaafi haadhaa qabatee jira. Abbaankee eenyu?  Ati nama salphaa miti.

  • Jireenyi kiristiyaanummaa waaqayyoon ala jiraachuu hin danda’u asirratti kan nuti arginu jireenya wal fudhate jiraachuuf humnaa fi maddi jira.
  • Keessi eenyummaa kiristiyaanummaa kiristoosii wajjin tokko ta’eera. Tokkummaan kunis kan inni jiraatu isaa wajjin tokkummaan yoo jiraanneedha.
  • Ergamaan phaawuloos akkas jedha jireenyi kiristiyaanummaa itti dhiyeenya beekumsa jireenya kiristoos in beeka ture. Filip .3:8 dhuguma iyyuu gooftaakoo kiristoos yesuusiin beekuun hundumaa irra waan caaluuf ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa’a. Kiristoosiin bu’aakoo godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta’eera, akka kosiittis isa lakkaa’eera.

Isa beekuun, isa jaallachuudha.

               Amala Kiristiyaanaaf Akkaataa Jiruuf Jireenya Ayyaanaa

  1. Ayyaana jechuun kan nuuf hin malle kennaa waaqayyoo jechuudha,nama hin malleef kennaa waaqayyoo tola kennamu jechuudha ,ayyaanni ofii isaatii iyyuu yesuus kiristoosiidha.

Ayyaanni tola erga ta’ee ga’een koo fudhachuudha.jireenya hafuuraa jiraanna yoo ta’ee kutaa macaafa qulqulluu kana dubbisuun dirqama nutti ta’a. Innis:-

 tito 2:12 ayyaanni waaqayyoo kunis, nuyi waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota waaqayyoo taanee akka jiraannuu gorsee, gara gaaritti nu deebisa.

  • Amala afaan girikiitiin charactor jedhama. Jechuun mallattoo addaa jechuudha. Akka galmee jechoota warra noorweyitti hiikaa bal’aan isaa maalummaa jechuudha.hiikaan dhiphaan isaa immoo eenyummaa dhuunfaa jechuudha.

Amala Namoota Tokko Tokkoo Haa Ilaallu:-

Ximitiwoos-kiristoosiin-kan inni ittiin fakkaatu:-ximitiwoos akka fakkeenya

Phaawuloos kiristoosiin nama fakkaatu tahuun isaa hin tilmaamama.filip 2:19-21

Milikkita nama amala kiristoosiin fakkaatuu:-

  1. Xinnoo irratti kan amaname:-
  2. Waaqayyo amma iddoofi hojii ati qabdu waamicha olaanaa akka ati gootee ilaaltu barbaada.

Mul.3:11 ani dafee nan dhufa; namni tokko illee gonfoo mo’ichaa isa kan, keetii si duraa akka hin fudhannetti, isa qabdu jabeessii eeggadhu*’!

  • Yesuus wanta xiqqoo fakkaatu irratti akka amanaman barsiisa jedhu qaba. Luq 16:10-12

Luq.16:10 yesus itti fufee, “waan baay’ee xinnoo irratti’ amanamaa kan ta’e, waan guddaa irrattis amanamaa in ta’a; waan baay’ee xinnoo irratti amanamaa kan hin ta’in waan guddaa irratti immoo amanamaa hin ta’u. 11 isin qabeenya biyya lafa irraa isa sobaa irratti kan hin amanamin, qabeenya isa dhugaa immoo eenyutu amanee isinitti kenna ree? 12 qabeenya biyya lafaa isa kan keessan hin ta’initti erga amanamuu dhaabaattanii, kan keessan isa ta’uuf jedhu eenyutu isiniif kenna ree*?

  • Waaqayyo hojii inni nutti kenne irratti amanamummaa nuti qabnu malee hojii sana irraa caalaa fedha hin qabu.

Tito 2:10 barsiisichi waa’ee waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hin dumaatti akka namatti tolee mul’atu gochuudhaaf, isaan guutummaatti amanamummaa gaarii haa argisiisan malee, warra waa miliqsan hin ta’in!

  • Maartiin luuter juwiineer(xiqqicha) waa’ee amanamummaa yeroo dubbatu

“namni tokko daandii qulqulleessuuf waamame yoo ta’e akka inni itti daandii qulqulleessu akkuma mikaa’el anjeelloon fakkii bareechee itti kaasu,akkuma beet hooven meeshaa muuziqaa bareechee taphatu,akkuma sheek ispiir walaloo bareechee barreessu akkasuma gochuutu irra jira, yeroo dandii qulqulleessu akka wanta amma ergamootni waaqa irraa akka amma dhufanii irra adeemanitti bareechuutu irra jiraata”     

Qol.3:23 waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin ta’in akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!

Efe.6:7 akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin ta’in, akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti gammachuudhaan hojjedhaa!                                                                                                       

  • Hojii itti waamaamte akka waamicha guddaatti akka waan waaqayyoo amma dhaabatee si ilaalaa jiruutti ilaalii hojjedhu
  • Maat 7:12 “waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa; seerrii fi raajonni isuma kana in barsiisu”jedhe
  • Of jaallataa ta’uu dhiisuu fil 2:21 warri kaan hundinuu waan yesus kiristositti tolu utuu hin ta’in, waan ofii isaaniitti toluuf in dhimmu.
  • Hojjetaa ta’i –hojiikee gooftaaf akka waan hojjechaa jirtuutti hojjedhu

Of jaallachuu dhiisuu 1qor 10:24 namni waan isatti tolu utuu hin ta’iin waan nama kan biraatti toluu haa barbaadu

  • Yesuus mataa keenya akkuma ta’e nu’i walii keenyaaf bu’aa qaamaati qol.3:22-24

Qol.3:22 isin warri garbummaa jala jirtan! Biyya lafaa kana irratti warra isin hojjechiifataniif akka isa nama gammachiisuuf ija ilaallattanii hojjettaniitti utuu hin ta’in, gooftaa sodaachaa garaa qulqulluudhaan abboomamaa! 23 waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin ta’in akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa! 24 isin kiristos gooftaadhaaf waan hojjettaniif, isa gooftaan ijoollee isaatiif qopheesse akka gatiitti isa biraa akka argattan beekaa!

  • Gorsa fudhachuu fi fudhachuu dhiisuukee gaaffi asii gadii kana ofii kee gaafaadhu “utuu ati hojjechaa jirtuu paasteriinkee ykn namni sii hojjechiisu tokko yoo sitti dhufe maal gootaa? Isa argitee akka nama sila gaarii hojjechaa jiruutti ni fakkeessuuf oliif gadi ni jettaa?

Waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin ta’in akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa! Isin kiristos gooftaadhaaf waan hojjettaniif, isa gooftaan ijoollee isaatiif qopheesse akka gatiitti isa biraa akka argattan beekaa! Qol.3:23-24

  • Yeroo akka ati sirrattuuf badiikee sitti himan gara foonkee yeroo dhufuu ulfaataa yoo ta’es isa sitti himan obsitee yoo fudhattu bu’aa gaarii buustee dabarta.

Ibro 12:11 adabni barsiisuudhaaf kennamu yeroo sanaaf kan nama gaddisiisu malee, kan nama gammachiisu hin fakkaatu; booddee garuu warra itti baraniif ija in godhata; iji sunis kan nagaa fi kan qajeelinaa in ta’a.

2qor.4:17-18 rakkinni salphaan inni nuyi yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddaatu sana baachuudhaaf nu qopheessa*. Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla amalee, gara wanta ijaan argamuu hin ilaallu; wanti ijaan argamu yeroodhumaaf ta’a, wanti ijaan hin argamne garuu kan bara baraa ti*.

 Akkaataan Jireenya Ayyaanaa Fi Akkaataan Jireenya Namaa Yeroo Wal Bukkee Qabaman

  • Lachuun isaanii maal irratti dhaabbatu ,garaa garuummaan isaaniwoo?
  • Akkataa jireenya nama:-waaqayyoon ala jiraachuu, akka fedha fooniitti deddeebi’uu, karoora mataa ofii, of jaallachuu, kan ofii duwwaa yaaduu , dandeetii yaalii ofii , ofi bituu dadhabuu, fakkeessu ,ani nan godha jechuu ,ana ana jechuudha.
  • Akkataa jireenya ayyana:-waaqayyotti kan hirkatu, akka hafuuraatti kan jiraatu, kan of hin jaallanne, dandeetti waaqayyoofi humna waaqayyoorratti kan hirkatu, inni ingodha jedhanii amanuu.
  • Jireenyi kristiyaanummaa maal akka fakkaatu beekuufi akkamitti akka jiraanu beekuu
  • Kan yaadachuun irra jiraatamu
  • Amalli kristiyaanaa kan jiraatu ayyaanaan
  • Ofitti hin hirkatamu
  • Jireenyi qajeelaa hin ta’in gara addaamitti nu deebisa
    • Maaliif waaqayyo nama uume :-inni ijjoolle isa fakkataan waan barbaadeef,isaanitti gammaduufi jalalaasa ibsuuf ,gannata edeen keessa kaa’ee isaan uumama hundumaa akka bitaniif
    • Waaqayyo mukoota lamaan sana maaliif gannata sana keessa kaa’e :-filannoon fedha abbaa waan ta’eef jechuun iddoo filannoon hin jirretti mirgi hin jiru waan ta’eef ,mukti jireenyaa sun fakkeenya yesuusiiti ,kakuu haaraan immoo jireenya yesuusiiti yoh 7:38 namni anatti amanu akkasuma haa godhu! Macaafni akkuma dubbate, ‘yaa’aan bishaan jiraataa garaa isaa keessaa in burqa'” jedhe.

Beekumsaa fi gaarii mukicha gargar baasuu  :-addamiifi hewaan akka hin nyaaneef dhorkamanii turan ,innis bu’aa isaaniif ture ,waaqayyo mukoota kana uumee filannoo isaanii kennee ture kana malee mirgi hin jiru waan ta’eef  waaqayyoo akka isa filataan ni barbaada ture ; inni wabii jireenya bara baraati waan ta’eef.

Sirrii fi sirri miti jechuu

  • Kristiyaanooni bara kanaa kan isaan irratti xiyyeeffatan
  • Dhugaatii dhuguun sirriimoo sirrii miti?
  • Tamboo xuuxuun, shiishaa harkisuun, jimaa qaamuun sirriimoo sirrii miti?
  • Muuziqaa ykn sirba dhaggeeffachuun sirriimoo sirrii miti?
  • Kristiyaanni fiilmii hafuuraa kan hin taane ilaaluun sirriimoo sirrii miti?

Gaaffiin kun gaaffii dogoggoraati; jireenyi nu’i jiraannu karaa yesuus nu keessaan mul’atu ta’uutu irra jiraata.

Jireenya kristiyaanaa keesaa waanti burqu jireenya kristoosiifi kristoosiin kan fakkaatu qofa.

  • Ati teessee waa’ee sirrifi dogoggoraa haasoofta yoo ta’e kristoos keessaa baatee mataakeetti hirkachuutti dhufta.
  • Addaamii fi hewaan utuu hin kufin fuuldura waan sirrii fi sirrii ta’uu dhiisuu isaan hin dirqisiisu ture.
  • Ijakee ofii keerraa kaasii guutummaan guutuutti yesuus gubbaa kaa’i ,ilaalchaa fi gocha ofii kee keessaa ba’iitii kristoosirra ijakee kaawwachuu shaakali ,si keessa kan jiraatu hafuura qulqulluudha.  Fil.2:13 waaqayyo akka akeeka isaa isa gaariitti hojjechuudhaaf fedha akka qabaattaniif, akka hojjettaniifis isin gidduutti in hojjeta.

                                           AMANAMUMMAA

Nama tokko ta’uu, amala guutuu ta’uuti, kitaabni qulqulluun amanamummaan akkam barbachisaa akka ta’e ni dubbata .mee macaafni qulqulluun maal jedha waan tokko tokko haa ilaallu:-

  • Farfannaa 51:6   kunoo, ati keessa namummaa namaatti amanamummaa arguutti in gammadda, iddoo dhokataa sana keessattis ogummaa na hubachiifta!       
  • Fakkeenya 12:22 waaqayyo namoota soba dubbatan in ciigga’a, namoota amanamootti garuu in gammada;
  • Fakkeenya 2:7-8 inni nama yaadni isaa qajeelaaf ogummaa in kenna, warra balleessaa hin qabneefis gaachana; inni daandii qajeelummaa in to’ata, karaa warra isaaf of kennaniis in eega.
  • Isaayyas 52:2 yaa intala xiyoon ishee booji’amtee, hidhaan morma kee irraa hiikameera! Yaa yerusaalem, awwaara of irraa hurgufii, ka’ii taa’i!
  • Farfannaa 41:12 ani balleessaa malee waanan argamuuf, ati ol qajeelchitee na qabda, bara baraanis of dura na dhaabda.
  • Fakkeenya 20:7 namni qajeelaan jireenya mudaa hin qabne jiraata, isa booddees ijoolleen isaa in gammadu.
  • Farfannaa 84:11 waaqayyo gooftaan biiftuu dha, gaachanas; inni ayyaana, ulfinas in kenna; gooftichi wanta gaarii ta’e warra balleessaa malee deddeebi’an duraa hin hambisu.
  • Luqaas 16:10 yesus itti fufee, “waan baay’ee xinnoo irratti’ amanamaa kan ta’e, waan guddaa irrattis amanamaa in ta’a; waan baay’ee xinnoo irratti amanamaa kan hin ta’in waan guddaa irratti immoo amanamaa hin ta’u.

Kitaaba qulqulluu keenya keessatti namoota gurguddaa dabalatee kan hin amanamne hedduutu jiru , isaan keessa akka fakkeenyaatti:  

  1. Abirahaam saaraadhaan obboleettikooti jedhe.

Um 12:3 warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu” jedhe.

Um.20:2 achitti abrahaam waa’ee saaraa haadha manaa isaa gaafatamee, “isheen obboleettii koo ti” jedhe; kana irratti abiimelek mootiin geraar itti ergee saaraa fichisiise.

  • Aroon museefis waaqayyoofis hin amanamne dibicha warqeerra tolche

Ba’u 32:24 ani kana irratti, ‘warri warqee qaban of irraa haa ciran!’ ittiin jennaan, isaan anatti kennan; ani immoo warqee sana ibidda keessa nan buuse, innis dibicha ta’ee ba’e” jedhe.

  • Gi’aaz elsa’iin gowwoomsee kennaa warqee fudhate 2mot.5:20-27

2mot 5:20 ergasii gehaaz naa’oon elsaa’i nama waaqayyoo, “kunoo, gooftaan koo wanta na’amaan sooriyaanichi fide harkaa fudhachuu didee akkasumatti gad isa dhiise; dhugaa waaqayyo isa jiraataa ti, ani amma isa duukaa bu’ee waa isa irraa nan fudhadha” jedhe. 21 ka’ees ariitiidhaan na’amaanin in hordofe; na’amaan immoo namni tokko gara isaatti akka fiigu yommuu arge, isa simachuudhaaf konkolaataa irraa bu’ee, “nagumaa?” jedhee in gaafate. 22 gehaaz immoo, “hundumtuu nagaa dha, gooftaa kootu, ‘kutata raajotaa keessaa dargaggoonni lama biyya gaaraa isa kan efreemii gara koo waan dhufaniif, hadaraa meetii akka kiilo graamii soddomii afur miijanuu fi uffata manaa guutuu lama isaaniif kenni’ jedhee na erge” jedheen. 23 na’amaan immoo, “maaloo! Akka meetii kiilo graamii jaatamii saddeetii iyyuu fudhadhu!” jedhee isa in giddisiise; meetichas korojoo lama keessa buusee hidhee, uffata manaa guutuu lamaa wajjin dargaggoota isaa keessaa nama lamatti in kenneef; isaanis baatanii gehaaz dura in bu’an. 24 gaaricha bira yommuu ga’e ba’icha jara harkaa fuudhee, mana keessa kaa’ee jara immoo gad in dhiise, isaanis in adeeman. 25 gehaaz ergasii ol lixee, elsaa’i gooftaa isaa dura in dhaabate; elsaa’in, “gehaaz! Eessa turte?” jedhee in gaafate; inni immoo deebisee, “ani garbichi kee eessa iyyuu hin dhaqne” jedhe. 26 elsaa’in garuu, “yeroo namichi si simachuuf konkolaataa isaa irraa bu’e, ani hafuuraan achi hin turree ree? Yeroon kun yeroo meetii, uffata, muka ejersaa, iddoo dhaabaa waynii, bushaayee fi saawwan, hojjetaa fi hojjettuu fudhatanii dhaa ree? 27 kanaafis kunoo, lamxiin na’amaan bara baraan sitti, sanyii keettis in qabata” jedhe; inni kana irratti lamxi’amee adii akka booralee ta’ee, fuula isaa duraa in adeeme.

*
  • Fiixaan ba’insa geggeessitoota ameerikaaf amalli isaanii inni guddaan maal jedhamaanii yeroo gaafataman maaksiwiili amanamuummaadha jedhanii deebisaniif

Namni amanamooon nama guutuudha, isaan waan dhoksan, waan sodaatan hin qaban, jireenyi isaanii akka kitaaba banamaati.

Amala Tajaajiltootaa Isa Badaa:

  1. Of Tuulummaa (self-Esteem) Fakk.16:18 Of gurguddisuun badiisatti, of bokoksuunis kufaatiitti nama in geessa.
  2. Inaafaa (Jealousy) Yaaqoob 3:14 Garaa keessan keessatti hinaaffaa hadhaa’aa, ofittummaas yoo qabaattan garuu, akka ogummaatti ittiin of hin jajinaa! Dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa!

Fil.1:15 Jarri tokko hinaaffaa irraa, anaan morkachuu irraas kan ka’e Kiristosin in lallabu; warri kaan immoo fedha gaarii irraa kan ka’e Kiristosin in lallabu.

  • Dogoggora ofii fudhachuu fi amanuu dhiisuu: namni tokko beekaadha kan jedhamu yoo dogoggora dogoggore beekee badii isaa ta’uu amanee fudhate qofaadha.
  • Of mumul’isuu: na argaa na argaa jechuudha, waanuma hin qabneen of himuu yaaluudha.
  • Namoota duuba jiran tuffachuu: isa malee namni kan biroon akka hin jirretti yaaduu fi namni hamma kiyya gahu waldicha keessa hin jiru jechuu, inni qofaan waldichaaf waan gahu godhee kaan dhiisuu dha.
  • Of Himuu: osoo namni hin gaafatin waayee ofii seenessuu fi waan hin hojjetin hojjedheera jechuufaa.

Biiroowwan Tajaajilaa:

Tajaajilaan kamiyyuu biiroowwan tajaajilaa keessatti ramadama.

Biiroowwan tajaajilaa kunis Kakuu moofaa keessatti shanii fi Kakuu Haaraa keessatti shantu argamu.

Biiroowwan Tajaajilaa Shaman Kakuu Moofaa Keessatti:

  1. Luboota: Seera kan barsiisanii fi araara kan buusan.
  2. Raajota: Yaada waaqayyoo sabatti kan dubbataniidha.
  3. Abboota Firdii/Jaarsolii: Saba geggeessuu fi haalota addaa addaa irratti sabaaf ibsa kan kennan.
  4. Mootota: saba geggeessuu,bulchuu fi diina irraa eeguu.
  5. Faarfattoota:Sabni waaqayyoon akka waaqeffatu godhu.

Biiroowwan Tajaajilaa Shanan Kakuu Haaraa Keessatti:

  1. Lallabaa wangeelaa:- akka utubaatti(as-pillars).
  2. Sooraa:– akka geggeessaatti(as leader,Pastor/Revarand)
  3. Barsiisaa:– akka ogeessaatti(teacher- as expert)
  4. Ergamaa:- Akka ilaaltuutti(Apostle-as over seir)
  5. Raajii:- akka rakkoo hiiktuutti(as trouble shooter)

Biiroowwan tajaajilaa kun Efesoon 4:11 irratti caqasamanii jiru.

Kennaa Ayyaanaatiin Akkamittiin Hojjenna/Hojjetu?

  1. Waamicha Ofii Adda Baafachuun. 1Sam.3:2-11

1Sam.3:2 Eliin dulloomee iji isaa bararisee arguu dhabaa in adeeme; gaaf tokko halkan inni iddoodhuma isaa in ciisa; 3 Saamu’el immoo godoo qulqullaa’aa iddoo sanduuqi kakuu Waaqayyoo jiru keessa in ciisa ture; ibsaan Waaqayyoo amma illee hin dhaamne. 4 Waaqayyo yommus Saamu’elin in waame; Saamu’elis, “Kunoo, asan jira” jedhe. 5 Gara Eliitti fiigee, “Kunoo, asan jira, maal jette?” jedhe; Eliin garuu, “Ani si hin waamne, deebi’ii ciisi!” jedheen; innis deebi’ee in ciise. 6 Ammas Waaqayyo Saamu’elin in waame; innis ka’ee gara Elii dhaqee, “Kunoo, asan jira, maal jette?” jedheen; Eliin garuu, “Yaa ilma ko, ani si hin waamne, deebi’ii ciisi!” jedheen. 7 Kanaan dura Waaqayyo dubbii isaa isatti mul’isee waan hin beekneef Saamu’el akka Waaqayyo isa waame hin barre. 8 Waaqayyo ammas si’a sadaffaa Saamu’elin in waame; inni ka’ee gara Elii dhaqee, “Kunoo, asan jira, maal jette?” jedhe; Waaqayyo mucicha akka waame Eliin kana irratti hubatee, 9 Saamu’eliin, “Dhaqii ciisi! Yoo inni ammas si waame, ‘Yaa gooftaa ko, garbichi kee in dhaggeeffataatii dubbadhu!’ jedhiin” jedhe; Saamu’elis deebi’ee dhaqee iddoodhuma isaa in ciise. 4Uma.22:1;Bau.3:4 10 Kana booddee Waaqayyo dhufee achi dhaabatee, akkuma isaa si’a duraa, “Saamu’el! Saamu’el!” jedhee in waame; Saamu’el immoo, “Yaa gooftaa ko, garbichi kee in dhaggeeffataatii dubbadhu!” jedhe. 11 Waaqayyo yommus Saamu’eliin, “Kunoo, ani wanta dhaga’uun isaa dhagna nama suukessu Israa’el keessatti nan hojjedha.

  • Kennaa Ofii Adda Baafachuun: Rom. 12:3

Ayyaana isa anaaf kennameen namni waan yaaduun isaaf ta’u caalaatti akka of hin yaadne, tokkon tokkon keessanitti nan hima; garuu adduma addaan akka amantii isaaf kennameetti akka of ilaaluun ta’uufitti, haa yaadu!

  • Ulfina Waaqayyoof Akka Ta’utti Hojjechuun. 1Phex.4:11

Inni dubbatu, isa Waaqayyo jedhe haa dubbatu; inni waa hojjetus, humna Waaqayyo isaaf kenneen haa hojjetu; Waaqayyo waan hundumaan karaa Yesus Kiristos ulfina haa argatu! Isaaf ulfinnii fi aangoon baraa hamma bara baraatti haa ta’u! Ameen.

  • Gad Of Deebisuun 1Phex.5:5

Akkasuma isin warri gara ijoollees, maanguddootaaf abboomamaa! Hundumti keessanis gad of deebisuu akkuma uffataatti uffadhaatii, walii keessanii wajjin jiraadhaa! Caaffanni qulqullaa’aan, “Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin in morma, warra gad of deebisaniif immoo ayyaana in kenna” in jedha.

  • Abboomamuudhaan Erm.48:10

Billaadhaan rukutanii ajjeesuu iyyuu yoo ta’e, namni isa Waaqayyo abboome kana garaa hir’uudhaan hojjetu abaaramaa dha!

  • Gabiidhaan Tajaajiluun. 1Qor.14:33

Waaqayyo ofii isaatii Waagayyo nagaati malee, Waaqayyo sabirii hin qabnee miti.

  • Fedha Waaqayyoo Addaan Baafachuun Lallaba 5:2 Afaan keetiin hin ariifatin, Waaqayyo duratti waa dubbachuudhaafis yaadaan hin jarjarin! Waaqayyo waaqa irra jira, ati garuu lafa irra jirta, kanaaf dubbiin kee muraasa haa ta’u!
  • Ergaa Fi Jireenya Ofiif Eeggannaa Gochuun 1Xim.4:16 Ati ofii kee, barsiisa kees eeggadhu, itti jabaadhu! Akkas gochuu keetiin mataa kee, warra si dhaga’anis gara fayyinaatti in geessita.

Abbaltii:

  1. Waldaan ati amma keessa jirtu kun ifa siif taateettii?
  2. Waldaa ati keessa jirtu kana keessatti akkaataan itti fayyadama kennaa ayyaanaa maal fakkaata?
  3. Kennaa ayyaanaatti nutu guddataa adeemamoo kennichatu nurratti guddataa adeema? 1Xim. 4:15 irratti hundaa’uun yaada kanatti ibsa kenni.
  4. Kennaakee adda baafatteettaa? Yoo adda baafatteetta ta’e maaliin bu’aa akka buuftu adda baafatte? Ibsi
  5. Kennaan ayyaanaa wal caala jettee yaaddaa? Ibsi
  6. Tajaajilatti siin namamoo,situ of waamemoo waaqatu si waame?

Waaqayyo Hojjetoota Amanamoo Taanee Fiigicha Keenya Akkaa Xumyrruuf Nu Gargaara!

Ergamaa Geetahun Immiruu

Hundeessaaf Abbaa Mul’ataa Waldaa Ifa Fayyina Addunyaa Fi Tv Ifa Fayyina

2020

IDDOO DUNKAANAKEE DHISII BALISI

ISA 54:1-4
“Iddoo dunkaana kee dhaabbattu bal’isi, dunkaana kee haleelii dhisi! Funyoo isaa dheeressi, qofoo isaas jabeessi!”
🅘🅓🅓🅞🅞 🅓🅤🅝🅚🅐🅐🅝🅐🅚🅔🅔 🅓🅗🅘🅢🅘🅘 🅑🅐🅛’🅘🅢🅘
Asirratti kan arginu waayee maseenummaa hafuuraati.
Isayas boqonnaa 52-55 kan nu barsiisu waayeedhuma gooftaa keenya Yesuus nu barsiisa.
Dunkaanakee dhisii bal’isi kan jedhu dunkaana hafuuraati.
Dunkaana eebbaa ti.
Dunkaana Ulfinaati.
Dukkana amma argituuf jettee Dunkaanakee hin dhiphisin.
𝙨𝙖𝙜𝙖𝙡𝙚𝙚𝙣 𝙬𝙖𝙖𝙦𝙖𝙮𝙮𝙤𝙤 𝙮𝙚𝙧𝙤𝙤 𝙠𝙖𝙢𝙞𝙮𝙮𝙪𝙪 𝙢𝙞𝙮𝙖𝙬𝙖𝙖𝙙𝙝𝙖.
Dhibeen yoo dabalees nuti daballeerra.
𝚑𝚒𝚗 𝚝𝚊𝚊’in ka’i iddoo dunkaana kee bal’isi.
Yoh. 12
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³² Ani yommuun lafa irraa ol kaafamu, nama hundumaa ofitti nan harkisa” jedhe.
³³ Kanas du’a attamii du’uudhaaf akka ture tuquuf jedhe.
³⁴ Tuuti jaraas deebisanii, “Kristos bara baraan akka jiraatu seera irraa dhageenyeerra; egaa attamitti ilmi namaa ol kaafamuun in ta’a jetta ree? Ilmi namaa, kun eenyu inni?” jedhaniin.
●Kristoos harkisa ulfinaatiin ofitti nu harkise.
●Fannoorratti madaa kristoosittti namminee lafarraa adda baane.
𝙬𝙖𝙖𝙦𝙚𝙨𝙨𝙪𝙪𝙣 𝙪𝙡𝙛𝙞𝙣𝙖
■Phaawuloosiif Sillaas gaafa waaqeffatan hidhaansaanii hiikame.
“Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas Waaqayyoon kadhatanii faarfatan; warri hidhaman immoo isaan in dhaggeeffatu turan.”
HoE. 16:25
■𝑑𝑢’𝑎 ℎ𝑖𝑛 𝑠𝑜𝑑𝑎𝑎𝑡𝑖𝑛 𝑑𝑢’𝑖 𝑏𝑢’𝑎𝑎 𝑘𝑒𝑒𝑡𝑖
“Anaaf Kristos jireenya koo ti, du’uun immoo bu’aa koo ti .”
Filp. 1:21
■𝑔𝑎𝑟𝑎𝑎𝑛𝑘𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑛 ℎ𝑖𝑛 𝑟𝑎𝑎𝑓𝑎𝑚𝑖𝑛
Yoh. 14
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Yesus itti fufee bartoota isaatiin, “Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa!
² Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay’eetu jira; utuu inni hin jiru ta’ee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema.

Ergamaa Geetaahun Immiruu
Tv IFA FAYYINA